KAROORAAF AS JIRTA

Yeroo waraana addunyaa lammaffaa(wwII) loltuu Raashiyaa tokkotu boqonnaa yeroo gabaabaa fudhatee gara bakka haadha manaasaa wajjin jiraatuutti gala. Utuu mana hin gahin konkolaataa karaarra dhaabbatee reeffa namootaa lafa guutee jiru bakka awwaalchaatti guuru arge. Diinatu magaalaa seenee barbadeessee deeme. Iji loltuu kanaa namoota kana keessaa dubartii tokkorra buufate; kophee inni biteefii ture kan uffattee jirtu arge. Fiigee mana galee gaafa laalu haadhi warraa isaa mana hin jirtu. Rifaatuun dafee ofirra galagalee deebihee dhufee namoota reeffa guuran sana walfalmii guddaan booda bakka biraattan awwaalladha naa kennaa jedhee heyyamsiifate. Hafuurri xiqqoo keessa akka jirtu mirkaneeffate. Kaasuu isaatti baatee deemee yaalchisiise! Ni fayyite!
Waggaa saddeet booda bara 1952 ilma argatan ilmi isaanii kunis ‘President’ Raashiyaa har’aa Vilaadimir Puutin dha.

Madda:- kitaaba Hillary Clinton kan “Hard Choices” jedhurraan argadhe!

Eeyyeen sababaaf sababaan as jirta! 😕

Leave a Comment