Walaloo (Peom)

OBBOO_ABBAA_AXADAA!

Dr. Zalaalem Abarraa Tasfaa

Durba lama horee, hangafaa fi quxisuu
Mikaa’eliif wareege akka isaan guddisu.
Argaasaani hinquufuu, yeroo hunda do’ata
Hamaa akka irraa eeguuf Mikaa’eli kadhata:
“Adaraakee….” jedha… “ijoolleekoo tiksi
Kooqaroon isaanii, gaaddidduu arjummaakee irra gaaddideessi
Nagaakee naagonfiin, balaa irraa ittisi
Beekumsaa fi aangookee itti naahuwisi
Gooftaa burqaa aangoo, gooftaa abbaa gaachanaa
Arfaasaa fi birraa, yeroo bonaa fi gannaa
Hoo qubaakeen jedha ani siinan amanaa.”
Jedheetu wawwaata,
Nageenya qeyesaaf Mikaa’eli abdata.

Tasa oolee hinbeekuu Sanbata, Sanbata.
Galma Mikaa’eliti, akka warra kaani innis daawwitii baata.
Garuu…..dubbisuusaa hinbeeku tabjaaja’aa, doofaa
Icciitisaa kana dhoksuuf ka’ee kufaa
Hinbeekamu se’a…., garuu… ollaatu huursee kolfa.

“Obbo Abbaa Axadaa Qannoo ilmi Dhugaasa
Gadi galagashee daawwitii dubbisa.
Jedhani itti kolfu teellaasaan hamachaa,

Siraabeetii fi tikeen, daaqonii fi qeesiin, warri gubbaa Waachaa.


Guyyaan torbee ta’ee, torbeen baatii ta’ee, walitti eda’amee
Baatiin dabareesaa waggaatti jijjiiramee,
Jireenyi tarkaanfatee, fuulduratti aggaamee,
Ganni roobee caamee, aduun bayee dhiyee
Arfasaanis darbee, birraanis bariyee,
Jiruun uumaa kanaa silaa hindhaabatu
Bara fuulduratti dhangalaasa kaatu
Qabanii hindhaabanii…..barri abbaasaa hanyaatuu!

Ameessi kaan dhalee, ameessi kaan gu’ee,
Garanaa kaan fuudhee, garasii wal horee,
kaan jiraatee du’ee Inni kaan walhiikee,
kaanis sirbee fuudhee, tokko naqata guutee,

Carraan ilma namaa tokko gammachuudhaan, kaan gadadoon simtee
Gojomiin egeree, abdii hundaa rarraastee
Akkas-akkasittiin jireenyi nama Waachaa boriif si’eessite.
Intalli #Abbaa_AXadaa, isheen quxisuun sun jalaa dhukkubsatte;
Hinfayyiti jennaan, homaa fayyi dhibee, nama du’aa taate.

Maatiin Abbaa Axada hundinuu wawwaate,
Garana fi garasiin Waachaa hundi dirmate,
Kaan qoricha himee, kaan mala dubbate:
“Mucaa akka bunuutii, kaleessa niburraaqxii,
Mataa bowwuu hinqabduu, bakkee kana utaaltii,
Kunoo arraba koo ’rraa rifeensi haabuqqawu….kun ija namaa ti
Nyaara waraabessaa utuu itti ullee silaa nidudubbattii;”

“Lakki. ..dhiis namana…! toshatu kana godhe, kuni harka namaa ti”
“Waawuu tosha miti…akka #libaa_libbee rukuttaa wayii ti
Utuu waancaan butne, yookaan itti koobnee, mucaan nifayyitii.

Maal Jorgisi Caancoo, gooftaa gumaa bawu
Kan jawwee ajjeeste, …kan gaanfi sagali,
kan abidda tufaa huurrii keessa lowu
Kana yoo dadhabdee dubbii rogaa hinta’uu!
Mucaa kana fayyisi…jedhanii kadahatan – Birgaataa dhaa galu!
harmee haati Xilawu!”
Aadde haati mucattis….

“Baala qomonyootiin gatiitii shee kana utuu ho’isnee tarii…..
Eenyu…? Maqaan-kee… ! Bijige !…Dinsirii….! Qiriirii…!
Baala bakkaniisaa, babaldhaasaa fidii, dafii waliin dirii
Ramacii ho’aasaa mee dafii itti hammaarii;
Illee shee garanaa fi illee shee garasii
Ittiin naa karkarsi ! Ittiin naa ho’isi!

Yookaan xabbaa-qiddii, waa akka haadha gijaaree….dafaa fiigaa, maaloo
Kaan Koombootti kaadhaa, kaan gara Saasiggaa, kaan gara Abaaloo
Soonkooraa fi Loomica, garas Laga Gumbii, gama Laga Suuloo
Kaan Soorgaatti fiigaa, kaan goodaa Cirrii, achumaanis boollo
Gara Koroommii kanaa, achiis gara Koomtoo, Tuqaa gubbaa Walanee
Duuba Jaato kanaa fi gama Migira Adurree, beekaan jira hin jennee…?

Laga Gurreen bayii, Qesee keessa darbii duuba Caancoo fi Qassoo
Beekaa naa barbaadi, qoricha iyyaafadhu .. .maa teessaa Kamiso?
Boo…! Addana teessanii jechuusaa dhiisaa ti, xannachaa… dhayichaa…!
Kunoo, garas gara Bendii, gara Diggaa Fodooddo, gara Leeqaa Dullachaa
Mee harka-harkaan dafaa, kaadhaa akka billaachaa.

Dargeetti achi ceyaa, Kurfeetti achi darbaa, dhiiroo sakatta’a, mucaadhaaf qoricha!
Isgooooo! Abeeeeet…! Abeeeeet…! Mucaa kana fayyisi Mikaa’eli Waachaa”
Jedhani wawwaatani aaddee haati mucatti
Inii rakkoon mudde hincallisaa miti!


Hunduu mala hime, dabaree wal saamee, haasaa wal harkaa butee,
Hamma beekumsasaa waan qoricha jedhu, afaan dudubbate.
Adaraa…maal godha. . .didee itti cimee, ittuma hammaate,
Nama gaddisiisa; guyyaa xinnoo booda mucaan badduu baate.
Kuulleen Abbaa AXadaa #durbummaa dhaan duute.


Gadda guddaa ta’ee, qe’een nigoolamee
Obbo abba mucatti qabuutu dadhabame!
Isa gaddi seene garaan silaa hin obsuu,
Xuruurfata boo’ee akka waan imimmaan mucattii deebisu.
Qannoo Abbaa Axada, eenyu qabee haateesisu?

Manaa gadi utaalee, oobdii keessa ijaajjee
Galma Mikaa’elitti asi achi galagalee, aariidhaan fajajee,
Battala oljedhee, koomee lafaa kaasee asii ol hiixatee;
Akka abbaa galfataa qubasaa mirmirsaa, gaafa afaan saaqqate,
Galma Mikaa’elitti imimaan facaasee, imimmaan haqachaa,
“Si’i Mikaa’eli…; tarii na dhageessaa…? Mikaa’eli Waachaa!

Utuun si abdadhuu imaanaakoo gattee?
Marartuu xobbeekoo mucaakoo fudhattee?
Amanteen siif qabu maaf nashakkisiistaa?
Gulantaan si kaa’e ’rra maaliif gadi of buuftaa?
Yoosoo…. ixaana miti, ati faandoo ulattaa !”
Jedhee itti himee, hafuura baafatee,
Irraa galagale
Dhiphuu obbaafatee, akka waan oofkalee.


“Safuu….! Safuu…..!” jedhee, naasuun diilallaa’ee
Hammi gadda taa’e yeroo kana dhaga’e
Balaa gadi bu’u, laf-jala sodaatee, qaamisaa suuka’ee.

Qeesii fi diyaqoniin:
“#Woyi_xaaxaa…! #Woyi xaaxaa…!

Ere_yeqesefalluu…!..#Minainet_gud_mexxaa?

Bekekaadaan_gubee, #cebbiisaan_nufixaa!

Maalwuoo_abbaa_Atsede_gedde_kiesseen_websaa…Igziyoo_yeamlaak_quxxaa!

Igzaabiheer_new_yesexxe_Igzaabiheer_new_yenessa

Ibaakiwoo_yittaagesu.gedde_kiesseen_websaa

Obboo Abbaa Axadaas:
Adaraa Waaqayyoo maaloo Abbaate dhiisaa
An isan amanee …maaliif na gowwoomsa?
Sila maaliif #saxxee, amma maaliif #nassaa?
Jennaan Abbaateenis aariin of finiinsaa:

Indee..Igezitwootaallehu_bewunet_yixenqequ.!

Ere_indi_aayibbaalim,neur_newZ_aayibbaalim #Kettoo_yemmayigebba_Bemelaake_seiyfuu_biqerdidootis_inde_qollaa_dubbaa

Yiliq…nemni_mesaryaa_fudetee_gere_awaalaa_hadequ..

Kaan_degaa_haa_guuru,…kaan_diqdiqa_haa muru_kaan_buwollee_haa_qofforu_maannewuu?…..Haa_soqu….!

Kunoo akkasittiin mucaan geggeeffamtee
Obboo abbaa Axadaas garaasaa kutate.

Garuu….warri gaafa sana Mikaa’eli arrabsuusaa gurrasaan dhagaye
Kabaji Mikaa’eli akkas xinnachusaa nayee diilallaayee
Danuu quqquqamee, Qannoo balaalfate, Qannoo cubbuu faale, ofii qulqullaayee.
Gidira muddame, muddamee obsa dhabe
Jechi Obboo abbaa Xadaa Mikaa’elii caalaa isaaniin dhukkube
“Hammam yoo aarelle, Mikaa’eli arrabsaa?
Akka bishaan gaayyaa asi ol odeessaa?
Amanteesaatu siluma waan annisaa hin qabne, amantee irraa keessaa
Situ kennee fudhate,… galatni kee hin badin… jedhee maaf hin obsu?
Akka isa maraatee waamee hamma salphisu?”
Jedhee dubbii hunkuree, warri saatto mootii, warri baaltii baaltu

Keessa Obboo Abbaa Axadaa akka waan dubbisuu, akka waan hubatuu
Warri yaada hanquu, warri amanteen hossee
Ofii qulqullaawuf, cubbuu abbaa Axadaa lallabee odeesse

Oduu_kafandise!

Munaaga_munaage!

Xebena_xebene!

Yoo Obboo Abbaa Axadaa dallansuu gaafasii homaayyuu hin gaabbine,
Waan mucaasaa dhabeef Mikaa’elis hinganne.
Amantee geeddarees kaan hin barbaaddanne
Yookaan Aabboo Diggaa
Maaramii Saasiggaa
Goorgisi isa Caancoo
Maarqosii isa Koomboo
Sillaasee isa Koomtoo
Garbeelii isa Jaatoo
Jedhee labuu hinkaane;

Akkuma duriisaa Sanbata, Sanbata
Daawwitii butatee Mikaa’eli dhaabata
Hamma beekumsasaa abeetu abeeta.
“Abeeeet …. Isgoooo. ..!” jedha, meeqa wareegame
Gaafa du’asaatis, akkuma dhaammatetti, achumatti awwaalame.
Aaddeef
Muddee, 2000

#Zelalam_Abera Dr

Leave a Comment