Fayyummaa fi Bareedina Gogaa

Fayyummaafi bareedinna


Kunuunsi gogaa keenyaaf goonu dhukkuboota gogaa garagaraafi umrii wojji dafee dulloomuu gogaa irraa nu ittisa. Wontoota ykn kunuunsa armaan gadii kana gochuun fayyummaa gogaatiif barbaachisaadha:


■ Ifa ykn caarallaa aduu irraa of eeguu. Yeroo dheeraaf deddeebiin ifa aduutiif haalaa ol saaxilamuun akka gogaan caccaba (wrinkles) godhatu, akka dulloomu ykn mallattoo jaarummaa qabaatuufi carraa kaansarii gogaatiif saaxilamuu dabala. Kanaaf yoo aduu keessa deemnu ykn hojjannu dibata ittisa aduu (sunscreen sa’aa lama lamaan) dibachuu. Yeroo ifni aduu hammaatu (ganama sa’aa 4 hanga saafaya sa’aa 10) carrallaa ykn ifa aduu jiru irraa of qusadhaa.






■ Sigaaraa ykn Tamboo hin xuuxinaa.
Tamboo ykn sigaaraa xuuxuun gogaan keenna akka dulloomu taasisa, akkasumas cacabni gogaa (wrinkles) akka uumamu gumaacha. Tamboo xuuxuun ujummoo dhiigaa xixiqqoo gogaa alaa irra jiran dhiphisa, kunis hamma dhiigaa googaan argachuu qabu hir’isuun gogaan akka haphatu (ykn daalatu) taasisa. Akkasumas oksijiinii fi soorata fayyaa gogaatiif barbaachisoo ta’an gogaa bira haala gahaa ta’een akka hin geenye godha.

Kana malees, tamboo xuuxuun carraa kaansarii gogaa (squamous cell carcinoma) jedhamuun qabamuu dabala. Kanaaf Tamboo/sigaaraa xuuxuu dhabuun fayyuummaa gogaafi qamoota keenya kan biroo hundaaf daran barbaachisaadha.


■ Qulqullina gogaa irratti of eeggannoo gochuu. Guyya guyyaan qaama dhiqachuun, bishaan holataan yeroo dheeraaf dhiqachaa turuun qibaatii/jiidhinsi gogaa keenyaa hirdhisa. Kanaaf bishaan tiqqoma hoo’een, yeroo gabaabaaf guyyoota muraasa muraasaan dhiqachuun filatamaadha.
Akkasumallee erga dhiqannee booda yoo qaama keenya woyaan gogsinuu guutumatti gogaa keenya gossuu otoo hin ta’in jidhinsaa murasa akka qabaatu gochuu. Yeroo rifeensa gogaa kamuu haaddanu dibata itti dibuun suuta haaddachuu. Dibata harawa kan gogaa keenyaaf fayyadamnu kamuu gorsa ogeessa fayyaa malee fayyadamuu irraa of qusachuu.

Aartistii Alii Birraa

■ Nyaata fayya qabeessa nyaachuu
Nyaanni fayya qabeessa ta’e gogaan keenya bareedee akka mul’attuu fi miirri gaariin akka nutti dhaga’amuuf nu gargaaruu danda’a. Fuduraalee, kuduraalee, midhaan guutuu fi akkasuma qurxummii fa’a nyaachuu. Bishaan baay’ee dhuguun gogaan keenya akka hin goggogne gargaara.


■ Dhiphinnaa, Cinqaa to’achuu fi Hirriba gahaa argachuu:
Garmalee dhiphachuun, muukayuun, ykn cinqamuun gogaan keenya haala salphaa ta’een dhukkuboota gogaa garagaraatiif akka saaxilamu godha. Akka finniisni namatti bahuufi ka jiru akka hammatu gochuus danda’a.
Hirriba gahaa (sa’aa torba guyyatti) rafuun fayyummaa gogaa kenyaaf hedduu barbaachisaadha.

Kanaaf dhiphinnaf cinqaa of irraa hirdhisuufi hirriba gahaa rafuun fayyaa googaa qofaaf otoo hin taane akkasuma fayyaa guutuu qamaaf barbaachisaadha.



Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!

Horaa, bulaa, deebanaa!

©murtii

Addis Ababa, Oromia 1000
Ethiopia

https://youtube.com/c/Kuttaayee Tube

https://youtube.com/channel/UCsGk-Pcm0t-f0HudFyVwIC-g

Leave a Comment