WANTOOTA 9 KAN HARIIROON JAALALAA SIRRAA BARBAADDU…
♡♡♡Kutaa 1ffaa♡♡♡

Hariiroon kamiyyuu irratti hojjachuun baayyee barbaachisa. Walitti dhufeenyi sirna hin qubne kamilleen bu’ura jabaafi amansiisaa hin qabaatu. Warroonni walitti dhufeenya/ hariiroo isaanii irratti hin hojjanne fooyya’iinsaafi jijjiirama tokkollee hariiroo keessatti arguun isaan rakkisa. Keessattuu hariiroo jaalalaa keessatti amma amma haaroomsi akka barbaachisu dagachuu hin qabnu. Namni lamaan gaaddisa hariiroo jaalalaa jala waliin jiran san yeroo fudhatanii obsaa fi waliigalteen irratti hojjachuu qaban.
Hariiroon jaalalaa walitti dhufeenya hundarra ulfaataafi utubaa jireenya arraa bu’ura dhaloota hegeree waan taheef ganama irraa eegalee sirnaawuu qaba. Akkamitti irratti hojjatamuu qaba? Maal maal irratti hojjatamuu qaba? Kan jadhuuf ammoo deebiin isaa kanaa gaditti kaayamee jira.
- XIYYEEFFANNAA. Hariiroo jaalalaa keessatti xiyyeeffannaa waliif laachuu dhabuutuu arrabsoo fi jechoota hin barbaachifne/ gadhee waliin jachuu caalaa walitti dhufeenya diiguufi caccabsuu danda’a. Walitti dhufeenya keessatti miira dhugaatiin xiyyeeffannaa waliif laatanii; gurra qalbitti qaawuun wal dhageeffachuun humna guddaa walitti nama haqaaruu qaba. Onnee jaalalaatiin walitti hidhamuu fi wanta jireenya keessatti nama qunnamu kamuu waliin qoodachuufi gahuumsaan moohachuuf qaamaan wal bira jiraachuu qofa osoon taane xiyyeeffannaa dhugaa waliif laachuu barbaachisa. Dhugaa dubbachuuf qalbii waliif laachuu caalaa wanni barbaachisu tokkolleen hin jiraatu. Hariiroo jachuun hiikkumti isaatuu walitti dhufeenya qaamaa qofa osoon taane walitti hidhamiinsa qalbiiti. Hanguma xiyyeeffannaa waliif laachaa deemnuun jireenya haareya onnee walii keessatti harganaa deemna. Hanguma nuti kabajaafi jaalalaan qalbii waliif laachuu amaleeffachaa dhufnuun hariiroon keenyaas milkaa’inaan badhaadhee, fiinxa bahiinsaan mirkanaawaa deemuu qofa osoo hin dhunfaa keenyattiis cimina yaadaafi badhaadhina sammuu horanna. Kun bu’aa hariiroo gaariiti. Xiyyeeffannaa waliif laachuun madaa walii dhinsuuf baayyee kan gargaaru tahuu madditti ciminni tokkoon tokkoo keenyaa akka dabalu taasisuuf baayyee nu gargaara. Kanaafuu, namoonni hariiroo jaalalaa keessa waliin jiraniifi umrii jaalala isaanii tursiisuuf dhimmaman xiyyeeffannaa gaarii waliif laachuun walitti hidhata gaarii qabaachuun dirqama taha. Dhimmoota barbaachisoofi bu’ura tahan irratti ifaafi bilisaan mari’achuun gamnummaa fi qaroomina guddaa dha. Barbaachisummaa dhimmichaa qofaas osoon taane namni xiyyeeffannaa laannuuf kuniis nama jireenya keenya keessatti gatii guddaa qaban waan tahaniifi.
- AMANAMUMMAA.
Boca qabeessummaafi waliin jireenyi hariiroo hawaasa keenyaa guutumaa guututti itti gaafatamummaa osoo hin tahin amanamummaa irratti kan caaseeffamee dha. Namoonni waliin hojjachuu, waliin jiraachuu fi waliin harganuu kan isaan dandeessise kanuma. Ilaalcha sirrii akka waliif qabaatan taasisu keessatti amanamummaan namni dhalootumaan walii qabu gahee guddaa kan gumaache akka tahe mamii hin qabu.
Namni kamiyyuu hanga amaloota gadhee gariitiin hin laaqamnetti ilaalcha gaarii dhalootumaan waliif qaba. Kanaaf hariiroo waliin jireenya hawaasummaa keessatti namni hundi amanamummaa mataa isaatiifiis tahee waliifiis qabaata. Ilaalcha gaarii waliif qabaachuun amanamummaan akka nama jiddutti dagaagu taasisa. Amanamummaan kun ammoo qarooma bu’a qabeessa tahan walitti hapheeysuun guddinaaafi jijjiiramni ardii kanaa akka mirkanaa’u taasisa. Kanaaf amanamummaan dhimma guddaafi hangafa jaalala caalaa namaaf gumaachuu qabnu tahuu irratti waliif galuun nama hin rakkisu.
Karaan tokkichi amanamummaa kana ittiin ijaaruu dandeenyu yookaa nama amanamaa jannuun ittiin barbaaddannu fi argannu isaan amanuu qofa. Ati nama tokko shakkii malee onnee guutuun yoo amante bu’aa lama keessaa tokko hin dhabdu. Hiriyaa jireenyaa yookaa barannoo jireenyaa keessaa isa tokko waan argattuuf, Lamaan keessaa tokko argachuun gati qabeessa.
Ati amanamummaa guutuu qabaannaan gonkuma sagaruur waa lama dhabe hin taatu. Inumaatuu hiriyaa gaarii badhaafamtee, muxannoo jireenyaatiis argattee lamaanuu haalli itti milkooytu ni jiraata.
- IFTOOMINA. Mirri kee hoo’aa fi dhugummaan kan guutame tahuun yeroo mara ofii keetiis tahee nama biraa baayyees fayyada. Yoo onneen kee iftoominaan nama jaalattuuf banamtu arrabni kee danda’ee nama san sobuufi miidhuuf hin dubbatu. Namni ardii kana irra jiraatan marti osoo dhugummaa bu’ura haqaa irratti hundaa’e fi ilaalcha iftoominaan guutame waliif qabaatee jireenyi addunyaa kun caffee mooraa jannataa taha ture. Garuu jireenyi bara kanaa kun kanaan faallaadha. Kan cubbuun danboobeefi dhodhooysaan rikkibamee dha.
Tahullee hanga danda’amutti dhugummaa walii qabaachuun, dhugaa dubbachuun, ifaafi bilisaan yaada waliif hiruun yeroof kan si miidhu tahuu mala. Addunyaan kun yeroof agoobara cubbuutiin tan haguugamte taatullee iftoominni dhugaa irraa madde yeroo gabaabatti injifatee siis injifachiisa.
Wantoota sirrii tahan irratti dhugummaa qabaachuun akkasumaas waan jijjiiramuu qabu irratti iftoominaafi murannoo qabaachuun yeroof si rakkisullee garuu adeemsa gabaabaa booda abbaa milkii si taasisa. Hariiroo jaalalaa keessatti maal akka barbaadduufi akkamitti deemsisuu yookaa yaaluu akka dandeessu irratti dhugummaafi iftoomina qabaachuun kutannoo sirrittiin irratti bobbahi. Hariiroo jaalalaa keessatti roga kamiinuu iftoomina qabaachuun jireenya keessatti dungoo tahee dukkana cubbuu fi shiraa saaqee, xombora gulantaa jaalalaa ibsee siif hangaasa.
Hariiroon jaalalaa kan huuba fuutu yoo dhodhooysaafi wal sobuun keessatti mul’achaa deemee dha. Namni wal jaalatu waan walirraa dhooysu hin qabu. Mee dhugumatti namni onnee waliif laatee, qaama isaa bakka namni biraa arguu hin qabnellee sodaafi qaanii takka malee wal garsiifatu waan wal dhooyfatu ni qabaa? Hin qabu. Siyaasaafi jireenya hawaasummaa keessatti yoo tahe malee, hariiroo jaalalaa keessatti iccitii wanni ja’amu gatii hin qabu. Kanaaf, iftoomina onnee qulqulluufi jaalala dhugaa irraa burqeen walitti hidhamiinsa jaalalaa cimsachuun dhimma bakka bu’iinsa hin qabnee dha. Waan ragaa qabatamaan sirritti hin mirkanooyne qabattee deemuun, iftooma jattee haasa’uun ammoo buxunxula si taasisa. Waan dhageeysee himtu takka yoo keessi kee itti hin amaniin dura sirnaan mirkaneeyfadhu. Waanuma hundaahuu dabarsitee gara hariiroo jaalalaa neeyxee afuufuu dura dhugummaafi qabatama tahuu mirkaneeffadhu. Yeroo mara hariiroo keessatti ifaafi bilisa waliif tahuun qoricha dhibee jaalalaa wal’aanuu dha.
- GAARUMMAA.
Dukkana keessa dhaabbachuu uumama kee irraa jibbitullee, yeroo nama onneen tee jaalattuufi dhimmamtuufitti tasa dukkanaa’u waliin goda cillimii keessa dhaabbachuuf qophii tahuun gaarii dha. Hedduu kan si jibbisiisuufi si sodaachu yoo tahellee ati holqa dukkanaawaa san keessa nama si jaalatuufi atiis jaalattu waliin dhaabbachuun kee hanga inni ibsaa barbaaddatu hangaasuu taateefi billiqsuufiif gargaarta waan taheef bu’a qabeessummaan kee dabalaa deema. Yoo goda keessa waliin seenuu sodaaf balbala holqichaa irra kan dhaabbattu tahe ammoo akka namni san ifa alaa seenutti fayyadamee akka qabsiifatu hin arganne waan itti gaaddiddeessituuf gonkuma ala dhaabbachuun sirraan eegamu.
Aduu keessa dhaabbachuun kan bifa kee jijjiirufi gogaa qaama keetii agaalabu tahullee yeroo nama jireenya keetiif filattu tokkotti aduun hammeenyaa, caamni jireenyaa wajiijamee waxalu agoobara/dibaaba gaaddisa gaarii tahiif. Nama gaarii jachuun nama hariiroo jaalalaa keessatti yoo dukkanaa’u ibsaa, yoo hoo’u gaaddisa, beelawan soora, dheebotan bishaan waliif tahuu danda’uu dha. Naasuufi gara laafina waliif qabaachuun hariiroo jaalalaa keessatti jireenya waliif laaffisa. Namni yeroo ifaa qofa si waliin jiraachuu fedhu nama dhugaatii miti. Namni dhugaa kan gaddaafi gammachuu, ifaafi dukkana, gubaafi qabbana keessa si waliin dabruuf gootummaafi murannoo, gara laafinaafi kutannoo qabuudha. Isa kana gaarummaa inni jannuun.
Nama onneen tee jaalattuufi dhimmamtuuf tokko yoo inni dhiphatu waliin dhiphachuun, yoo inni rakkatu rakkina isaatiif fala barbaaduuf kaka’uumsa qabaachuun gara laafummaa/ gaarummaa dha. Gama biraatiin nama tokko xumura jireenya isaa irraa eewaluuf yookaa du’a irraa oolchuuf wa’ada seenuufii dadhabduus hanga xumura jireenya isaa/hanga duuti addaan isiin baftuutti waliin jiraachuuf aaddii seenuufii ni dandeessa. Kana jachuun waan jaalattu qofaaf osoon taane gara laafummaa, gaarummaa waan qabduufi. Gara laafina yoo jannu ammoo sodaafi bucbuccee luuynummaatiin battisuu osoon taane naasuufi dirmannaa waliif qabaachuu, onnee dhugaatiin waliif nahuufi haala mara keessattillee waliin dhaabbachuu dha.
Akkuma beekkamu diina/nyaapha moohuuf loltuu waraanaatiin yoo duultu gara laaffinni/naasuun yookaa sodaan luuynummaa yoo taatu, lola/duula hariiroo jaalalaa keessatti onnee walii jaalalaan moohuuf taasifamu irratti ammoo gara laafummaan gootummaa dha. Garummaan, gara laafummaan hariiroo jaalalaa keessatti dhimma filannoo qabu osoo hin taane, dhimma durfamaa dha. Gara laafummaa jachuun biiftuu calaqqisafi ho’a gammachuutiin addunyaa hariiroo jaalalaa ibsituu dha. Gaarii waliif ooluun, gaarummaa dha. Gaarummaan qoricha xalasa/dhibee hariiroo jaalalaa wal’aanuufi umrii dheereessuu danda’uu dha.
- GAMTUMMAA.
Anma daandii jireenyaa keessa imaluuf taasifamu keessatti namni kamiyyuu walakkaa daandii jireenya isaa kophaa osoo hin tahin nama biraa dabalachuun waliin kan deemu tahuun beekkamaa. Irraan deebi’a. Hariiroo jaalalaa keessatti walakkaa daandii imala jireenyaa isaa yoo gahu namni kamilleen kophaa isaa imaluun itti ulfaata. Sababniis, akkuma addunyaa hojii keessatti dhunfaan hojjachuu irra gamtaan hojjachuun mo’oya/imaama saffisuufi bu’aa gaarii galmeessuun moohannaa nama gonfachiisu; addunyaa jaalalaa keessattiis kophaa imaluu irra namaa waliin yeroo deeman amna tarachuu nama dandeessa. Tabbaaf gooroo namaaf labboonsa.
Garaagarummaan gamtummaa addunyaa hojiitiifi jaalalaa jidduu jiru tokkichi; hojii keessatti fedhiinnaa yoo tahu jaalala keessatti ammoo dirqama uumamaati. Kuni uumama haalli jireenyaa ittiin salphatu qofa osoo hin taane latiinsa hidda dhalootummaa namaa kan itti fufsiisaa dhufeefi fulduraas itti fufsiisuu dha.
Jaalala jechuun walitti dhufeenya namoota lamaati. San booda namni lamaan maatii horachuun miseensa baayyifatu. Ciminaafi fiinxa bahiinsi hariiroo jaalalaa kamiyyuu cimina fi gahee miseensoota irratti hundaa’a. Ciminni miseensaa ammoo qulqullina hariiroo isaanii irratti hundaa’a. Hariiroon jaalalaa dagaagdee, dastee firii gaariifi callaa gahaa argamsiisuu kan dandeessu akkuma hojii biraa kamittuu waliin hojjachuu, muuxannoo waliif hiruu fi kabajaaf jaalala waliif qabaachuu irratti ijaaramti. If jaalachuu yoo tahe malee, wal jaalachuun gamtummaa irratti bu’uramti.
Namni miira si’aawaafi jaalalaa gad fagoo siif qabaachuun onnee tee qinii/walakkaa turte guutuu taasisuu danda’u kamuu waahela qaalii fi barsiisaa sirriiti. Isaaniis miseensoota gumii abjuu jireenya keetiiti. Kanaaf abjuu jireenyaa dhugoomfachuun nama akkasii waliin waldaa ijaaraanii gamtummaan dorgommii addunyaa injifachuun salphaatti kan danda’amuufi waliin moohachuun ammoo daran mi’aa dhandhama jireenyaa akka tuttufattan nama taasisa.
Kanaaf waaheloonni jaalalaa hariiroo isaanii umrii dheereeysuu fi gatii qabaachisuuf dursa jaalalli wal jaalachuu, wal jaalachuun ammoo gamtummaa tahuu hubachuufi itti amanuun baayyee barbaachisaa akka tahe baruun dirqama. “Fardi kophaa kaatu hin moohatu.” ja’a sabni koo oromoon yoo makmaaku.
- FUDHATAMUMMAA.
Bareedina/ miidhagina hariiroo jaalalaa akka dabalu kan taasisu walitti dhufeenya namoota wal fakkaatan lamaa osoo hin taane walitti hidhamiinsa namoota yaadaafi ilaalcha garagaraa qaban kan adda addummaa isaanii fudhataniin kan ijaarame yoo tahuu dha. Namni walitti ida’amu hir’inaafi cimina walii isaanii beekanii wal simachuu irratti hariiroon hundooytu cimina dabalachaa deemuun galma guddaa geessi. Garaagarummaan yaadaaf ilaalchaa yoo waliif fudhatan waliin jireenyi bareedinaafi sona horachaa deema. Sona qabeessummaan hariiroo jaalalaa kan dagaagaa deemtu garaagarummaafi addummaa isaanii waliif beekuu osoon taane waliif fudhachuu yoo danda’an qofaa dha. Sadarkaan qulqullina gammachuu hariiroo namoota lamaa jiddutti kan dasuu dandeessu wal simannaafi fudhatamummaa namoonni san waliif qaban irratti hundoofti. Yoo isaan wal fakkeenyummaa isaanii dinqisiifachaa, itti gammadaa garaagarummaa isaanii ammoo kabajanii fudhachaa deeman gammachuun isaanii dabalaa deema. Yoo isaan garaagarummaa isaanii hadheeyfatanii obsa dhabummaafi miira hifannaan kan deeggaran tahe ammoo hariiroon jaalalaa diigamuun ona gaddaa taatee argamti. Kanaaf wal fakkeenyummaa isaanii akkuma jirutti tahee garaagarummaa isaanii fudhachuun kun fudhatamummaa jadhama. Fudhatamummaafi gammachuun addunyaa jaalalaa hariiroo sirrii waliif qaban jachuu dha.
Addunyaa tana gubbaa nama tahee kan hir’ina gonkuma hin qabne ni jira ja’anii yaaduun dogoggora guddaa dha. Gaafii guddoon dhihana xaxa sammuu namatti taate ammoo namni sirrii maaliif addunyaa kana irraa dhabame tan jattu osoo hin taane, namni hanqina qabuu waliin maaliif wal simachuu dadhabe tan jattuu dha. Deebiiniis fudhatamummaa wanta jadhu kana dhabuu isaanii irraahi.
Garaagarummaan keenya tokkummaa keenya, tokkummaan keenya bareedina keenya tahuu wallaaluun/dagachuun haala jiru keessatti akka namni sirnaan walin hammanne taasisa. Eenyulleen akkuma uumama fuula isaa yaadaaf akeeka adda addaa qaba. Yaadaaf akeeka nama tokkoo jijjiirtee guutummatti gara ifii keetiif barbaaddu sanitti fiduun gonkuma waan hin danda’amneef kanuma inni qabu sanii waliin keessumeessuu danda’uun, simatanii fudhachuun gamnummaa qofa osoo hin taane qaroomina. Isa kana kuno fudhatamummaa kan jennuun.
Namni hanqinaafi addummaa nama tokkoo itti gammadee fudhachuu danda’u tokko garaagarummaa ardii addunyaa kanatti amanee haala hunda roguma itti dhufeen dhandhamachuun isa hin rakkisu waan taheef fuula addunyaa keessattiis tahee hariiroo jaalalaa keessatti fudhatamummaa guddaa qabaata. Waliif fudhachuun wal fudhachuu dha.
— ♡♡Itti Fufa♡♡
Maddi: Love and Relationship science.
furtuuu_Jaalalaa.